Waa’ee  Oromoo Mirkanii Qaabatamu

Barruun kun jechoota fokkuu jajallifamanii moora ofirroota yaadi fudalii fi koloneeffataa darbee joonjessaanii jiru keessa walmaraa jiraniif deebii kennuuf miti.  Oromoon eenyu akka ta’anii fi Afrikaa fi Gaanfa keessatt akkamitt akka of ilaalan kan sammuun saanii banaa ta’e hubachiisuufi. Kan dhihatu keessatt waanti haaraan hin jiru, garuu qilleensa naannaa afaalla’uuf dhugaan irra daddeebi’ee yaadachiifamuu qaba. Abba tokkee fi murnooti yeroo surriin corqaa, durdurii sammu dhiqaa caasamee, ijoolleett hiriba dura sobba himama guddatani. Durdurii himtooti bara mootii moototaa duudan, iyyaati akka “akaakileen saanii utuu Oromoon hin dhufin Gaanfa waliigalaa moo’aa turan” jechuun hoduu hundee hin qabnen isanittis himamaa guddataniin sammuu saanii xaxaa guddisan. Akkasumas Oromoon  jarraa 16faa keessa akka bakka hin beekamnee dhufeef lafa irra jiraatu jiraatoo turan luba baasuun yk buqqisuun waan qubateef kiyya jechuu akka hin dandeenye itt himamaa guddatan.  Faallaa kanaammoo, aadaa, dudhaa, hooda, danaa kkf ilaaluun Oromoon ummata naannaa baha Afriikaaf hundee ta’uu danda’a jedhanii beekoti ciicatan jiru.  Garuu digaluun isaan irratt biqilan manyaa gamaa dhufe jedhanii ijoollee saanii kanneen amma isuma qiliwisaa jiraatan barsiifatani.  Durduriin kun bubulanii seenaa ta’aa jiru. Seenaan Oromoo garri caalan halagoota madda saanii gaaffii malee fudhatan, kan jajallisuuf qaxaraman, ayyaan laallato naannaa fi juujuun barreeffaman.  Maddi saanii madda hadhaan guute waan ta’eef  xumurrii madda saanii irratt hundaawee fi corri sana irraa funanaman Oromoo biratt fudhatama hin qabani.

Gurguddoon Habashaa halagooti akka Yoodiit, Girany fi Oromoo qarooma saanii balleessaniitt komatu. Kan lolooti jedhama kun mancaasan galmistana holqa keessaa fi ijaarsa mukaaf citaa koora tulluu irraa kan ogummaan tokkollee hin tuqne ta’uu danda’u. Akkuma galmee seenaa sanii biraa kanneenis iyyaatii sobaa hoodaan kafanamanii dhihatu. Dhugaa fi ta’innaa gargar seca’anii qulqulleessuuf akka dhiibbaa hin uumneef yeroo murni kun tahitaa irra hin jirre gaafata. Mallatoo qaata arguu eegalle. Ergamsi waraanoti jaarraa 16faa  bara dheeraa wal irraa hin citne humni Habashaa biyya kibbaa fi baha saanii jiru lixanii  haleellaa raawwatanii fi lafa qabataniif haaloo bahachuuf biyya deeffachuuf ture. Ergamsichi jara adabuu fi lafa qabame deeffachuu Walharkatt qaba Afrikaatiin fuggifamuyyuu hanga tokko milkaawee ture.  Grany qabeenya samichaan argaman harka galfachuu danda’uun dhaba gaddisiisaa qabeenya it hin dhamaaneeti. Sun waan barbadaawe deebisanii akka hin ijaarre ogummaa kan qaban hin dhowwu. Garuu mirkaniin jiru qabeenyi saamichaan kuufame yoo dandeettii deebisanii saamuu walirraa hin citne qabaatani. Jaarraa 16faa keessa mootichii fi murnisaa humnoota cimoo lama kan Oromoo fi Harariin dadhabsiifamanii dheedi saanii biyya Habashaan danga’ame. Loon, warqee, meetii, ilka, agala, midhaan, jirma fi garba Oromiyaa fi Kibbaa samanii galuun ni hafe. Goodaa fi koorri tulluu da’oo monoksee (gadaam) fakkataa turan qabeenya samtuu dhossan qabaachuun ergasii ni dhaabbate. Qabeenyii fi lubbuun Habashaa murna Habashaa sanaan dhume yoo caaluu baate kan loltuu halagaa komatamanii gadi hin ta’u.

Tibba sana moototi Habashaa battala dhaabbataa hin qaban turani. Oliigadi jooranii akka shiftaa samichaan jiraatu. Lolota jedhamaniin waaroo (dunkaana) fi godooleen saanii gubatan ta’u. Yoomallee gimbiin masaraa fi galmistaanaa bareedoon yeros gubatan ta’e jaarraa kana keessa kan nama gadoodchan miti. Akka seenaatti kan isaan barbaadan daftarootaaf haa galatuu galmeessaniiru. Kan yeros ta’an haa ta’uu kan amma uumamanis waan durii ta’aniiru. Rakkina hardha qabnuu nuuf hin furanii. Tuttuqaan arrabaa lola malee nagaa hin buusuu. Oromoon nagaa jaallataa. Haa ta’u malee galtuun Oromollee lola akka hin sodaanne hundu beekuu. Kanaaf walqayyabachuu yaaluun haalli dirrittaawe kun gara caalaa hamaatt akka hin deemne oolchuu ni danda’a ta’aa.  Yaa afaanii jette funyaan gadi ilaaltee jedhama.

Gurguddoon Habashaa hangi tokko 1960oota keessa xurrreen yaada dullachaa iyyaatii afatee jiruun yoo walitt ilaalamu akka eenyuunuu hin amansifne hubatani. Akkuma “iyyii iyya dabasii” saanii, kan laaqiin Kiristaan marfamtee nuu dhaqaba jedhaa bahani kanas yeroon dhimma hin baafnee godhe. Kanaaf dhiheessa qabatticha akka kaayyoo saanii imperiyaal ta’e hin tuqinitt yayyabuutt ka’anii. Yaadanmal qabsoo gitaa isaan hoogganan fudhatanii gadi bahani. Fakkeessaaf mirga sabootaa hiree ofii ofiin murteeffachuu beekne jedhani. Yoo sun didu gara yaada fudaal durii saanitt deebi’ani. Barumsi fedhe muuxannoon malbulchaa hagamuu yeroo bareedaa dur qabaataa turanii yaaduu irraa faloo isaan baasu hin jiru. Tuffiin koloneeffataaf qabanii fi yaa’a seenaa jijjiiru dadhabuun marii kamiifuu bajoojoo isaan tolchaa jira.  Abjuu guyyaa fi mirkanii gargar baafachuu hin dandeenye.
Mirga ofiif lolachuun haleellaa ummata nagaa jaallatu irratt godhamu yk kan daangaa cehu miti. Oromiyaan biyya humnaan qabamte. Qaama biyya olla kamuu fedhaan taatee hin beektu. Gooti Habashaa Oromiyaa isaaniif qabellee addaanjiroo tahu shee beekeerafii. Yoolle Oromiyaan qaama biyya kamiiyyuu taate, mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu akka mirga ilmoo namaatt sabgidduun fudhatame dhorgachuun ni dandahamaa laata? Qabaa haa tahu roorroon bara dhibbaa ummata seenaa, aadaa, afaanii fi umaa ayyaamquyii addaa qabaniin itt tolfamaa jiru akka itt fufu kan qajeelaa tolchu hin jiru. Legellegi suukiin guute diinummaa heddummeessa malee mirkanii jiru geeddaruu hin danda’uu. Furmaati jiru biyya ofiitt of akeekani nagaa fi atoomaan olla fi addunyaa waliin jiraachuu dha.

Oromoon madaqfama barattoota daftaraa dullattiin waan adda tahe kan himan qabu. Murna afaanii Kushitik jedhamutt ramadamu. Murni kun hundeen saa Afrikaa Dhihaa gara Gabra Diimaa fi Manyaa Hindiitii. Ummata qarooma Afriikaa boonsaa waliin jiruufi sirna malbulchaa beekamaa qabu.  Ijoolleen daftaraa kun waan sirnichi bahaa fi sirna moototaa fi Koptotaa isaan itt guddifamaniin waan adda ta’eef hin galleefi. Oromoon Mediteraniyaa hanga qixxeessooti jiraatani. Ebba saanii keessatt “utubaa jaanjaroo” kan kaasanii Tulluu Kilimanjaroo waan quba qabaniif kan jedhan jiru. Kanaaf bara Walharkatt qaba Afrikaa kan mootiin Habashaa hamma sanatt kooti akka jedhu kan gorfame. Godinicha keessa akka ijaartuu, barreessituu, bulchituu, tiffatee, qottuu, tulaa qottuu, lommoxxuu kkf ta’anii jiraatani. Hardha qubata saanii Oromiyaatt danga’amanii jiraatu.

Oromiyaa keessa namooti lammi addaa ta’an Oromoo waliin jiraatan jiru. Isaan keessaa horee qawwe baattuu biyya qabachuu dhuftee fi tuuta isaan waliin hurrisaa dhufee waliigalatt Nafxanyaa jedhamantu argama. Baratooti daftaraa kan mataatt haddhaa naqan malee hedduun Oromiyommaatt of  fudhatanii nagaa fi atomaan Oromoo waliin jiraatu. Oromoon yoo isaan akka nama biyyaatt jiraatani fedha koloneeffata hin tajaajilan ta’e rakkoo waliin hin qabu. Ababileen saanii loltuu koloneeffataa waliin waan dhufaniif Afaan Amaaraa dubbatu turan, caalaan saanii Kiristinnaa dha, akkasumas  Habashummaan of ilaalu. Dhugaan saa garu loltuu koloneeffataatt haa madaqfaman malee eegaleen saanii lammii biraa tahuu ni dandaha. Sun akka fedhe tahus lammumaan saanii kanuma ofii himatanii. Garuu lafaa fi qeyee beekame hamma hin qabnett isaan kanuma hawaasa bakka of itt arganiiti.  Kanaafii kan isaan akka miseensota hawaasa sanaatti mirgaa fi dirqama Oromiyaa irraa hamaa ittisuu kan qabaatan. Empayera Itophiyaa bira dhaabbatanii hawaasa sana loluun fedha ofii akka loluuti. Maaliifuu gara fedhanitt goruuf filmaati kan  saaniiti. Dambiileen gootummaa fi goobanummaa akkuma Oromiyoo bira irratt jigu isaan irrattis ni jiga.

Oromoon ummata nagaa jaallatu. Safuun ilmoo namaa waliin hariiroo qaban hunda masaka. Hacuuccaa fi daba bifa kamiiyuu dura dhaabbatu. Maddi waan isaan hin feenen haddheessu hundeen saa wallaalumma keessaa ka’a. Madaqoon daftaraa biyya ofii guddisuu dhiisanii Oromiyaa deebisanii too’achuu yaaluu irratt yeroo qisaasuu. Kanaafi kan isaan haala tottolchanii jara jargummaan isaan duukaa yaa’u karaa hamaan irra gahuu hin oolle irra buusanii kan biraa ittiin hadheessu. Yoo sun hin milkaawin bulgaati gudee saaniif ta’allee malee  “iyyaa iyya dabarsaa” gadooduu hin dhiisani.

Qabsawota Oromoo haddheessuuf araddoota Oromiyaa hedduu keessaa lama qofa, Baddannoo fi Arbaguugguu argatani. Bakkoota sanatt hamaa tolfaman jedhaman gadoodduun kun ni dhagahan malee qoratanii hin mirkaneeffanne. Ammallee eenyu akka dubbii tuqate, eenyu eenyuun akka ajjeese qaama walabaan hin mirkanoofnee. Gara Oromoon ofirrooti akka dubbii kaasanii fi lubbuu badett caalaatt abbaawummaan akka gaafataman himama. Gara hundaanuu ta’iisichi akka imaammata sadarkaa sabaatt ta’ee fi tasaa naannaa gandaatt kan ta’e ta’uun gargar baafamuu barbaachisa. Akkasitt ilaalamuu qaba ture malee dhimma lubbuu namaa dura dantaan malbulchaa buufamuu hin qabu ture. Baddannoon naannaa ABOn bilisomse kan lammi hunduu atoomaan waliin keessa jiraatan, turtee. Yakkamtoota akkasii yeroon qaanessuuf jira.

Ta’iisi  Baddannoo doo’ii bulchoota biyyatiin ABO moggeesuuf tolfame turee. ABOn akka Baddannoo gaheen lammoota gidduu fanfanamuun utuu hin jiraatin,  mootummaa magaalaf filmaata halle haammataa gaggeessee ture. Haala yerosiitt fanfanammi utuu jiraateeyyuu nama hin komachiisu ture. Rakkina si’ana jiru dhaadannoo akaakileen saanii dhandhoonan “aramanee” jedhu

kan hodeeffannoo hin qabne tumsa gaafachuuf dhimma bahu taanaan dhaloota duuban dhufu wal amantee olloota gidduu jiraachuu qabu  ijaaruuf akka hin dandeenye qoqqobuu ta’a. Gabaasa ABUT du’an jedhee dhiheesse keessa Oromoonis turani. Du’an kan jedhaman keessaa kan lubbuun jiran bakka biraa turani. Reeffi afaman o’aa turani. ABOn erga magaala Baddannoo gadi dhiisee bubbuleera kan gochuu ni danda’aallee jedhanii haddheesoti mamii xinnoo qabachuu hin dhaqnne. Kanaaf holola jibbaa shiraan guute utuu hin yayyabin itt yaaduun gamnummaa dha. Akkuma jenneti Oromoon ummata safuun bulu. Lolli saanii kan hidhatee qabateen malee namoota hidhannoo fi homaa keessaa hin qabne waliin miti. Kanaaf maqaa saanii balleessuu dura yakki hundi akka qorqoramu fedhu.

Namootuma qabsaawota Oromoo du’a namoota yartuuf balaaleffatan kanatu fixi sanyii lakkoofsa hin qabne Oromiyaa golee hallett Minilikiin raawwatame waan dansaa fi qajeelaa empayera ijaaruuf barbaachisu jedhanii dinqisiifatani. Olhantummaa saanii tursuuf Oromoo ni fixna jedhanii itt himaa jiru. Kan amma empayera saanii jeeqaa jiru cubbuu ajjeechota sanaa ta’uu hin hubatani. Dogoggorri saanii kan ka’e madaqsa malbulchaa ijoollummatt argatani. Ergamsi saanii qaromsaaf waan ta’eef dabi oolan hundi akka jedhu. Waan sana ta’eef morma utuu hin ta’in galata galchuu hunda irraa eeggatu. Oromiyaan yeroo sana, qonnaan, horii horsiisaan, hojii sibiilaan, suphee dhahuun, gimbii ijaaruun, gogaa duuguun, wayyaa dhahuun, tumaan, hojii harkaan, bishaan baasuu kkf fi bulcha demokratawaan Habashaa caalti turte. Nan qaroomse jechuu kan danda’uu kan guddina teeknolojiin olhaanaa tahe qofa. Sana gochuuf daba tolchuun sirrii dha jechuu miti. Dhuguma “fidala” karra galma mootii fi galmistaanaa hin dabarre qabu turanii. Sun tuqaa laachisaaf ture, garuu nama empayerittii guutuu keessaa 5% barsiisuun waggaa dhibba caalaa itt fudhate.  Kanaaf qaaqi “ergamsa qaroomsaa” jedhu hoduu irra hindarbu. Duubatti hafummaan dogoggora ummata Habashaa guddichaa miti kan gurguddoo saanii bara baraan isaan mo’uuf dukkana keessatt dhiisanii fi maqaa saaniitiin olloota saaniitt yakka tolchaa bahaniiti. Ummatoota gargar qabuuf hardhallee karaama sana irra sussukaa jiru.

Tokko tokkoon Sabootaa fi sabawota biyya ofii fi olla bara baraan jiratu qabu. Ollaan hafee biyyooti baaqula naanna’anii jiran hundi wal irratt hirkatoo dha. Wal irratt hirkachuun akkasii kan bu’aa waloo fi tokko jalee kaan gooftaa itt tahu akka hin taanetu eegama. Biyyooti nagaa fi demokratawoon olhantummaa seeraatt amanan hariiroo saanii fedha ofiin sadarkaa caalaatt ol kaafachuu danda’u. Waldhabdee kan fidu biyya ofii irratt moo’ummaa walii beekuun yoo dhibe qofaa. Oromiyaan takkaa fedha seetiin empayer Habashaatt galtee hin beektu. Abba tokkotii fi murnooti Oromo ta’an yoo dhihate jaarraa 14faa  kaasanii mootota Habashaa tajaajilaniiru. Sun akka abba abbaati malee akka sabaatt hin turre. Askara yk tajaajiltuu amanamoo turan jechuu dha. Harrallee ashkarooti maqaa “paartii”n booqaa Oromoo dugdatt maxanfatanii tajaajilan jiru. Sun sochii bilisummaa sabaa keessatt quuqaa xinnoo ta’uu dandeessi malee Republika Oromiyaa Walaba dhaabbachuu hambisuu hin dandeessu. Yeroo hin yaadamne kaasee Oromoon akka ummata moo’aa ture kamiiyyuu moo’aa ta’ee walabummaan seeraa fi hooda Gadaa jala jiraataa ture.

Mirkaniin waa’ee Oromiyaa hedduun koloneeffatoo fi sadoota saaniin gad qabamanii fi maragamanii turani. Amma addunyaan jijjiiramaa jira. Empayera dubatt hafaa dhiifne biyyi addunyaa keessaa guddinaa teknolojiin hunda caalu illee maqoo saa guutummaatt sirriitt qabachuu hin dandeenye. Waa’een Oromo kan hanga yoonaa dukkana keessa ture, qaroommi, caasaan hawaasaa, tattaaffiin malbulchaa fi mirkanbeekiin      saanii amma akka hundi barutt gadi bahanii jiru. Gurguddoon Habashaa fi Itophiyanessoon si’an fulaa beekumsaa ta’uun saanii waan hafeef ija facaasaa jiru. Maddeenii fi dhahatooti saanii gaafii jala oolaa jiru. Rimsammii mirgoota ilmoo namaa saaniillee seera moototaa “Kibra Nagast” kan Kopt Masiri eegale irratt hundaawa. Itophiyeessoo hedduun waan dullacha ta’aniif jijjiramaan wal gituu hin danda’ani. Qaaniin yakka Habashaa beekaa irra darba turan, amma gadi bahaa jiru, baachuunis itt ulfaata.

Oromoon waggaa dhibbaa oliif Afaan saanii amba keessatt akka hin dubbanne dhowamanii turani. Amma garuu wareegama gootota saaniif galatnii haa gahu eessatuu barachuu, barreessuu, dubbisuu fi haasawuu danda’uu.  Baayyinni hoogbarru, ooginaa, qormaataa, barruu fi waatattaan gurraa fi ijaan mullatan waggootii digdaman darban keessa homishamuun hagam ummati guddaan kun ukkaanfamuun addunyaa akka hanqisef raga dha. Tattaaffiin namooti Oromoo lammii saaniif dhaqabuuf karaa adda addaa interneetiin godhan dammaqina guddaa agarsiisaa. Sochiin Afaaniis abdii calaqisa. Oromiyaatt suduudaan dambalii qilleensaan iyyaatii facaasuun waggaa kanaa jalqabe jija guddaa dargaggoo Oromootii. Hedduun Bu’uursa Mediyaa Madda Walaabuu fi Oromiyaa Mediyaa Neetworkiin “Ishoo!” jedhaniiru.  Daaya qabeessoon Oromiyaa demokratik walaba, bakka nambiyyooti hundi utuu sabaawummaa, lammii, saala fi amanteen gargar hin qoodamin nagaa fi gammachuun bulcha seeraa jala waliin jiraatan arguutt ka’aniiru. Ijoollee Warra Abbaa Gadaa caalaa jireenya wayyaaf iggitii kan laatu hin jiru.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu! 
Ibsaa Guutama
Ebla, 2014

Email: (if you would like a response) Invalid format.

Comments:

A value is required.