Saree Maraatuu irraa of Eegaa

Erga gaaga’ammi  Hirmannaa Afriikaa jaarraa 19ffaa   irra gahe ummati Oromoo bilisummaa saaniif qabsaawuu hin dhaabne. Miiddhaan Kora Barliin 1884-85 ammayyuu biraa hin hafnee.  Amma yeroo golee galfaman ofirraa dachaasuuf caalaatti faciisaa jiru. Si’ana gaaffiin jiru kan bilisummaa sabaa qofa utuu hin ta’in kan akka ummataatt badii irraa ooluutisii. Waggoota dhibba darban caalaafi dinni jabeessee sukkuumuun  bifi dhalootaa hamma yartuutuf irraa hafe. Aadaan mulbulchaa, diinagdee fi hawaasomaa xifa badanii oolan. Dilormaan saanii walakkaatti gadi cabeee hardhass keessa keessaa aramamaa jira. Qaabannoo  fi afaan saaniitu turun nuti eenyu jedhanii akka of gaafatan tolche. Eenyu akka ta’an argatanii deeffachuuf gaafachuu eegalan. Akka kanatt kan qabsoon bilisummaa ijoolee saanii jannoota kumootaan wareega isa dhuma baasise eegale. Oromoon ummata nagaa jaallatani. Karisummaan dhiiga saanii keessa hin jiru. Sanaaf malee murni kumkuma jaha hincaalle keessaa baate kumkuma shantama naannesitee hin dhiittu turtee. Sana akka biraatt dhiheessuun seenaa garadhabsiisuu dha.

Badiin mootummaa Itophiyaan tolfamaa jiru golee hedduu gurri itt qeenfamaa jiratullee mootummootii fi qubqabsiisoti gurguddaan silaa dhimma baasan ammalee callisuu filataa jiru. Fixiqacee isaan fulduratt daraaraa jira garuu fedhi saba saanii ija hin qabne akkuma Ruwandaa tolchan gara ilaalchisaanii jira. Sanaaf malee bakki Oromiyaa keessatt tuutaan ajjeechaan it thin tolfamin hin jiru. Awwaalii tuutaa ji’uma Waxabajjii 2014 kana Ammmarreessatt argame akka kanneen xixinnoo biyya ogana qabanii qubqabsiisota hin millachiifnee.Baratooti yeroo hedduu akeeka Oromoo callisiisuun universitootaa fi wiirtota leenjiitii fi wabaroota olhaanoo irraallee raarraafamaa fi ari’amaa jiru.  Kana irraa barnooti argamu “Waaqi kan of gargaaran gargaara” is jedhu. Kun qayyabatamee fakkaataa sabboonoti Oromoo addunyaa keessa jiran iyyati obbolaa saanii akka baalaa harca’aa jiranii hundaan akka dhagahamu tokkummaan ka’uun sagalee saanii dhageessisaa jiru.

Maalifaa hin beekamneen dhaaboti Oromoo diigamaa turan amma dogoggora ofii baranii biyya abbaa saaniif birmachuuf walitt dhufaa jiru. Tokkummaa saanii haaraa argame kana dammaqanii hin eeggatan taanaan saree maraatuun olii gadi xallisaa jirtu ifaajjee isaan faaluu dandeessii. Tuttuqaa mooraa kamiiyyuu dhufu hin ta’uu dhaabbadhu jechuu qabu. Bara qoramsaa  wal ciigaha yeroo dheeraa fi muuxannoo walirraa addaa horatan booda wal amantee tarkaanfiif barbaachisu ijaaruun  jannummaa, namguddummaa fi wal qayyabannoo gaafata. Dhaaboti hawaasaa ijaarsa hawaasomaa malee goloota  malbulchaa miti. Qoodi saanii Oromoo ilaalcha malbulchaa kamiiyuu, amantoota, saala fi godinaa gara garaa dhimma aadaa fi hawaasomaaf walitti fiduu dha. Hundaa faanfana yk leelloo addaa tokko malee tajaajiluu qabu. Oromummaan taasisa gad jabeessuu qabani. Uumaan bu’uurri saanii naannaan daangahama. Karaa biraammoo dhaaboti malbulchaa namootaa ilaalchaa walfakkaata qabaniin ijaaramu. Bu’uurri saanii sabaawaadha. Kaayyoon saanii ummataaf aangoo malbulchaa argamsiisuu dha.  Akeeka saanii bakkaan gahuuf qabsoo biyya guutuu ijaaranii gaggeessuu dha.

 Jaarmoti hawaasomaa fi malbulchaa nakkarii mitii garuu qooda gumaachan adda addaa qabu.  sochooti ambaa fi kaka’ooti tattaaffii saanii qindeessuu fi qabsoo walirraa hin citne gaggeefachuf dhaabotati malbulchaa isaan barbaachisu.Dhaaboti hawaasaa hawaasaa iyyannoo saanii sirreessanii  kaasaa sabaafi abbootii tahitaa naannaa fi dhaabota namoomaa irraa deggersaa fi mararfannoo argamsiisuu danda’uu.  Misa aadaa fi afaanii deggeruu fi qabsoo sabaa, guddinaa fi bilisummaa tolfamu gumaata walitti qabuun gargaaruu danda’u. Yoo fedha ofii irra guddatanii mullachuu fi kaasaa sabaa qofa irratt xiyyeeffachuu danda’an wanti isaan gumaachuu hin dandeenye hin jiraatu.

Nammi tokko yeroo manatt galu gufuun karaa yoo itt cufe mana ofiitt galuu hin lagatu garuu karaa naannaee bira darbu yk akka itti of jalaa kaasu fala malee qaratt hin hafu. Itt gala kaawwatan gahuufis kun barbaachisaa ta’aa. Karaa irraa nu ceesisee dhiichaa dheeraa irraa nu hanqisuuf, hariiroon ofii yk murnaa fedha sabaa caalu jiraachuu hin qabu. Waggoolii hedduuf  gargar bahani kanneen walitt dhufuuf deeman keessaatt murnoota ABOti argamu. Lachanuu umama keessatt ABOn tokkicha waan ta’eef tokko yoo ta’an qofaa ummati akka isaan beeku hanga hubatanitt, kara karaan anatu isa kaan caalaa ABO dhugaati jedhaa bahan.  

Barri 2014 kun akka bara tokkommaa Oromoott hubatamu qaba. Ummati golee Oromiyaa hunda irraa mirgoota lafaa fi mirga namoomaa saanii gaafachuuf walqabatanii kan itt ka’ani. Hedduun lubbuu itt dhabanii dabaankufummaa  sabboonaan kamu hanga akeeki saanii bakka gahutt hin irraanfanne dhiisanii darban. Murnooti ABO walgidduutt araara buusuuf waggoota hedduu dura tattaafii jalqabani. Bara kana fiixaan baafachuun saanii wan walirra bu’a malalchiisaa ta’e tokko. Haaawsi Oromoo Badiin lammi saanii biyya jiraniif dhaabachuf walta’insa akka tasaan walfaana ka’anii. Kun dhuguma bara seena qabeessaa. Boqonnaa seenaa Oromoo jijjiiree diina akka saree maraatuu ababbarsiise. Diinni aara galfachuu hin qabu qabsaawoti Oromoo haalichi akka hin qabbanoofne itt afuufuu qabu.

Wanti halle akka karooraatt yoo deeme  ABOn dhiheenyati tokko ta’uuf deema. Gumiin Sabaa gar lachanuu si’a  jalqabaaf wal gahee mari’achuun barruu tokkomsaa raggaasisuuf adeema. Hanga yoonaa waliigalteen bu’uuraa irra kan gahame fakkaata. Garuu Gummiin Sabaa qaama olhaanaa Koraa Sabaa bakka bu’u waan ta’eef sirnaan mari’atee ragaasisa dhumaa itt gochuun, murni lamaan akka qaama tokkoott socho’uu hayyama jedhamee eegama. Miseensoti saa hundi argamuun haa ta’u iddoosota ergachuun  walgahuunis hanga yoonaa hin beekamu. Garuu yaadotii fi ta’innaa hedduutu naanna’aa jira.  Gabaasi feccoon dhaggeeffataa hundaaf kan kennamu waan hin taaneef irra hin laalamu. Of eeggannoo inni jedhamu sana gaafata. Lakkoofsa  murnoota fedha adda addaa qaban kanneen tokkummaa Oromoo fashalsuuf halkanii guyyaa bobba’a iif sun barbaachisaa dha. Yaa’ii  kana keessatt tuqaaleen tokko tokko irra deebi’amanii hin mari’ataman jedhamee yaadamuu hin qabu..  Gumin Sabaa damboobsa eenyuu utuu hin ta’in innumti abbaa tahitaati. Haa ta’u malee barruuleen dhihaatan Gumii sabaa lamaanuun irra deemamanii turuutu himama. Kanaaf inn ammaa akka gareett utuu hin ta’in akka qaama tokkooti waliin taa’anii cululuqsuu ta’aa.

Nammi tokko yaada walfakkaataa dhaaba keessatt yk hawaasa Oromoo keessatt yk miseensa hundaaf  tole qofa jedhu  eeguu hin qabu. Garuu wanti tokko hin haalamu, tokkummaa sabaa fi dhaaba kallacha saa ta’e irratt waliigaltee hundaatu jira. Demokrasii keessatt hunduu yaada ofii ifsuuf bilisummaa qaba garuu murti wayyabaan buluun dirqama. Oromoon dudhaa democraasii dhalootaa dheeraa qabu. Qabatteen jiru waa’ee abba tokkoon du’a hin oollee utuu hin ta’in waa’ee ayyaana sabichaa barabaraan jiraatuti. Kanaa alatt kan of ilaalu yoo jiraate taajjaba qofa buufata. Waanti ta’aa jiru miiraa addaa abba tokkootaa utuu hin laalin karaa saa itt fufa.  Abbawummaan tokko tokkoon sabboonotaa  mirkanii jiran ofiffumaa abba tokkootaa quufsuu utuu hin laalin akka gadi darban tolchuu dha.   

ABOn ayyaana sabichaati. Torban booda baala haaraa baafachuuf deema. Diinni sun akka hin taaneef balleessuunii barbaada. Dhaabi kun dhaaba kaayyoo ganamaa kan seerawummaa argamssiiseef gad hin dhiisin jiru. Diinaaf isa balleessuu qofatu olhantummaa Gaanfa Afrikaa irratt qabu mirkaneessaaf. Qabaa Oromiyaa irratt qabu utuu hin jabeeffatin Gaanfa irratt olhantummaa qabaachuun eenyuufuu hin yaadamu. ABOtt  gubaa “gooltuu” jedhu itt baasuun karaa ummata Oromoo akka malee dhabamsiisu haxawatee jira. Gooltummaa waan sirnooti addunyaa garri caalan balaaleffatani. Kanaaf duulli itt tolfamu yartuun qeeqaan yoo deggeramu, anga’oota gurgadaa gara caalan irraa garuu deggersa hin daanga’amne argata.

Tarii badiisa Oromiyaa irraa bu’aan  gara lafaa, albuudaa fi humna namaan argamu mirga ilmaan namaa deggeruu irra wayyaa taanaan ummati Oromoo tuutaan yoo ajjeesuu fi ABO irratt haddheessaan sobaa yoo tolfamu gara ilaalame ta’innaa? Diinni dargaggeeyyii Oromoo qaroon garamitti bahu jedhaman callisee hin dhiisuu; seexaa ofii gurguranii miseensota garee saanii ta’uu yk hidhaa fi ajjeefamuutu isaan eeggata. Kanneen filmaata qorama keessa nama galchani. Kanaafi ijoolleen Oromoo seexaa saanii waliin jiraachuu filatan ajjeechaa jalaa bahuuf itt gala hin beekamnett  baqataa kan  jiran.  Kanaafi baqataan  walirra cita malee ollaatt nagaa wayyaan argadha jechuun, itt yaa’aa jira, nagichi alii alii dhugaa ta’uu dhiisuun ni mala.

Bulchooti Finnaa Empayeraa  namoota sabichaaf hoggansa kennuu danda’u jedhan dhabamsiisaa jiraatani. Yeroo ammaa ariitii, harka o’uu fi fiixaan baasuun galmee darban hundaa oli. Ummati Oromoo badiif goleett dhiibamaa jira. Ummata guddaa akkasii hafee raammoo bucureenillee utuu ofirratt hin lolin lubbuu fi bilisummaa see gad hin dhiistuu. Kan Oromoon amma godhaa jiran sana. Haleellaa fuula hedduu kara karaan itt dhufe jala dhaabbachuun ofirraa faccisaa jiru. Fincila ummataa adeemaa jiru, yoo sabichi badii irraa haa baraaramu jedhamee hooggansa kennuun qooda qabsaawota Oromooti. Mana ofii soneeffachuuf carraan jiru ammaa.

Gidaarrii of golguuf ijaarame diigamee ilaalcha hunda haammatuun bakka bu’uu qaba. Fedhi sabaa, kan ofii fi garee caalaa durfannoo argachuutu eegama. Mirgi hiree ofii ofiin murteeffachuu saabaa mirga dhalootaa ummata Oromooti.  Sirna malbulchaa fedhan filachuun giroo saaniiti. Qoodi dhaabota malbulchaa mirga kana hankaaksuu utuu hin ta’in yoo fedhan sirna barbaadan dhaadhessuu dha. ABOn akka walabummaa deggeru ifa godheera. Kan inni itt duulu sana dhugoomsuutt. Kan qayyabatamuu qabuu as gahuun tolaan utuu hin ta’in itt dafqameetu. Rifattuun rommitee, dhiigi dhangala’ee, lafeen caccabee fi qabeenyi itt xuruufamee fi yeroo fi giidoon gubateetu as gahame. Deemsa irratti fashalli, milkiinii fi ganamuun turani.

Kan darbe sokkeera, kanaaf barsiifataa fi shaakalli fokkuun sanaan walitti eejjan gatamanii eegalli haaraan simatamuu qaba. Dhibee darbeef qabsaawaa hundi abbaa’wummaa qaba. Aka balleessaa tokkichaati eenyuu eenyuttuu quba qabuu hin danda’uu. Murnoota ABO lachanuu keessa warraaqxota qoramanii fi dabballoota  ofbaraa malbulchaa sabichaa olkaasuutt qooda guddaa gumaachantu argama. Kanaaf waliigaltee nagaaf jedhee kan mo’es kan moo’ames hin jiru. Lachanuu ummata Oromoo qofa boonsuu. Dhalooti itt haanu akka dogogora ture irra hin deebinee garuu tuqoota ciccimoo ta’an kan offii  gabbisuuf maayii baasa yoo ta’e akka fudhataniif utuu hin jajallifamin barreeffamuu qabaa.  Dhaabichaaf baala haaraa baasuu jechuun kan ture kakkabeessanii yeroo cehumsaa gabaabduu achi dabarsuu jechuu miti garuu dhugaati haarommsuu jechuu dha.  Amma sochiin warraaqsaa gara jalqaqaba amanamaa haaraatti konkolaachifamuu qaba. Dargageeyyii n (Raabaa Dooriin) fulduratt bahanii egeree saaniif abbaawumaa akkka  itt fudhatan mijjeessuu dha. Fakmishoo Gadaan hoogansa uumuuf qabu keessa ilaaluun ammaa. Qabsoo ummati birmadummaaf godhu dhaabuu shirri kamu hin danda’u.  Hoogansa cimaa fi kutataa qabaannaan Qabsoon hin fashalu. Sonaawaa eegaa, jiruu hedduutu fuldura jiraa. Saree maraatuu eeggadhaa, milkiin baha.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!  

Ibsaa Guutama
Waxabajjii 2014

Email: (if you would like a response) Invalid format.

Comments:

A value is required.