Jiruu Warraaqxota Oromoo eeggatu

Jiruun warraqxota Oromoo eeggatu in jalqabaa bilisummaa Oromiyaati. Hanga yoonaa qaccee nafxanyaaf akka addaatt haa ta’u ifaatt yoo xinnaate waggoota shantamaaf fedha ofii ifsuu yaalaa turani. Oromoon mala akka ta’an hubatamuu kadhataa bahani. Garuu kanneen fedhi dhuunfaa jaamse hin dhaggeeffatan yk waan jedhamin  qofa dhaggeeffatu. Dhaggeeffachu dhabuu qofa utuu hin ta’in si’ana qabsaawota Oromoo jiruu saanii muummicha irraa maqsuuf  duula afaanii ballaa gaggeessutt ka’aniru. Haleellaan saanii afaanii waldhahaa fi hunde hin qabnee akeeka Oromoon dirrirfatan irratt dhiibbaa hin qabne. Kan isaan maraachaa jiru ol ka’a dhaloota haaraa Oromoo giidoo caalaa, dammaqina malbulchaa wayyaa fi  qaroo, bilisummaa Oromiyaaf murannoo fi dudhama yoo hin caalle akka angafoota saa qabuuti.  Waggaa dhibbaa oliif koloneeffatoon meeshaa qunnamtii dhuunfachuun ummati akka iyyaatii hin arganne tolchaa jiraatan. Si’ana garuu hamma saatt hunduu fulaa teeknoloojiitt gad baasuu argateera. Kanaaf raawwannaan bara doorsisootaa fagoo miti.

Oromoo hangi tokko carraa barachuu kan argatan kanneen koloneeffataan faranjii bakka buufachuuf fo’ate turani. Hojii bulchaafi waabariin qeesii madda guddicha wan ta’aniif jarri biraa carraa “Zabanyaa” ta’uu argachuufillee dorgomuu hin danda’an turani. Sana irratt ijoolleen koloneeffataa kumaan Waabarii beekamoo manyaa gamaatt ergamanii hoogganoota dhaloota itt haanuu leenjifachuuf ergamaa jiraatani. Oromoon baasii akka gibiraa, kudhan keessaa tokkoo, humna tolaa fi irboo sanaaf gabbaraa bahani. Garuu dubbiin akka isaan karoorfatanitt hin deemne. Diddaa dingatawaan cunqurfamoon tolfame akka sirni Nafxanyaa moofaan itti hin fufne hankaaksee. Jara sana amma badiisa irra seenaa micciiranii durdurii “haada sharraxee”  kan fakkaatu waa’ee ofii fi mootota saanii uumuu kan eegalan. Durdurii dhimma hin baafne akkasiif gurra kennuun Oromoof bu’aa tokkollee hin qabu. Namoota Oromiyaan jiraachuu haalan waliin afaan banuun dhimma hin baasu. Biyya keenya dhiigaa fi dafqa keenyaan eeggachuu malee eenyu waliinuu” tarat tarati” hin taphannu.

Ta’innaan murna duubatt harkiftuu kanaa kan koloneeffataa eegala mootichaa nama nyaataa Ankobar irra kan qaari’uu. Innillee garagarummaa Itophiyaa fi “Biyyoota Gaallaa” (akka inni kolonoota saa kibba biyya saatt argaman waamutt) beeka ture. Ilmaan Nafxanyaa maraataa jiran kanaaf Oromiyaan biyya saanii jaarraa 16tffaa keessa Oromoon humnaan irra fudhate. Akka qiliwwee waan isaan jedhan kan irra deebi’an seena  mimicciirama kana mamii malee kan qiliwissan jiru. Utuu ijaajjanii of gaafatan ta’ee hogganoota saanii yaadaa Oromoon afaanii fi aadaan jara Masirii fi Nubiyaa duriin akkamitt firoomuu danda’an jedhanii gaafachu qabu turani. Utuu sana godhan ta’ee Oromoon jiraattota eegalaa Afrikaa Bahaa Mediterranianii hanga manyaa Hindiitt jiran keessaa tokko akka ta’uu danda’an ni hubatu turan. Jaarraa 16ffaa  sochii kan dur fudhatame deeffachuu sabaawota to’annaa halagaa jalaa bilisoomsuuf kan tolfamme qofa ture. Oromoon firooma empayera Daamoti kodee saanii tahan hafee, mootota Merowee fi Nappaataa, Kantakotatta, eenyuu caalaa himachuu hin danda’u.

Waltajjii kanatt waa’ee seenaa ta’innaa irratt hasa’uun , jiru nu fulduraa furuu waan hin dandeenyeef barbaachisaa miti. Rakkinni ija babaasaa jiru waa’ee lubbuu, bilisummaa fi ulfina ilmoo namati.  Wanti jarjarsaan ummata biyya ofii keessatt halagaan humnaan of jala galchee hacuucaa, birmadummaa fi qajeeltuu dhabsiisee akka malee qorqaa jiru irra ba’aa itt fe’ame salphisuu dha. Gaaffiin saa gaaffii mirgaa fi ulfina namummaa badde deeffachuuti. Hambooti qaccee Nafxanyaa hadhessa ragaa hin qabne akka dhumiisa Baddannoo fi Arbagugguu kan jedhan kaasuun qabsaawota Oromoo hojii hiiksisuu fedhu. Mootota tahitaa irra jiraniin reeffa Amaaraa qilee Hinquufneett darbe jedhamee kan haddeeffame Adda Bilisummmaa Oromoo ture. Dhaabi sun battaluma sana akka harka keessaa hin qabne labseera.  Gochi namummaa bahe akkasii fi  reeffa namaa alatt afanii dhimma  hololaaf olchuun Oromoof safuu waan ta’eef balaaleffateera.  Yakki akkasii akka qaama hin baabsineen ariitiin qoratamu yaada dhiheessee ture. ABOn akka sana hin raawwane garaan saanii waan beekuuf akka dhugaan baatu isaan keessaa kan dhibbaa godhe hin jiru. Garuu gocha hin mirkanoofne lallabuun daanyaa fi seerbeekaa isanumti ta’anii murtii dabarsaa oolu.  Utuu firoota keenya jara jedhan sana kan itt roorrise duukaa bu’anii qajeeltuuf dhiheessanii mirga ilmoo namaaf gumaacha guddaa ta’a ture.


Sana gochuu dhabuun maqaa saba Oromoo xureessa jiraachuuf kan isaan gargaaru itt fakkaata. Gochi Baddannoo kun yakka hamtu kan dubbicha dhiheessaniin tolfame hafakkaatu malee hanga qoramutt kan wacaa jiran kunis keessa hin jiran jechuun hin danda’amu. Kan abbaawummaa itt qaban fana dhahamanii qajeeltuutt dhiheeffamuu qabu. Oromoon dirree lolaatt loltuu dinqisiifamoo ta’uun beekamaa dha. Dudhaan Oromoon kan hin hidhatiniif dubaroo ajjeesuun safuu fi qaanessaa akka ta’e beekamaa dha. Kanaaf gochi kun akka gocha dabeessaatt kan abaarame. Wanti kun qooda seeraati. Kanaaf qabsaawoti Oromoo gurra kennuufii hin qabani. Garuu kan qotanii dhugaa baasuu  barbaadanitt gamtaa agarsiisuun barbaachisaa dha. Karaa biraa qabsoon hiree murteeffannaa saboota yaa’a biraa fi kan hobbaatiin addaa irra eegamu waan ta’eef haddheessa yakkaa homishame waliin walmakuu hin qabu. It bahii qorqora yakkaa,  kan fedhe ta’us, abba tokkeen itt gaafataman malee mirga walabummaa ummataaf godhamu waan ilaalu hin qabu.

Manca’i seenaan ummata Oromo irratt tolfaman galmeeffamanii jiru. Calanqoo fi Aannoleen fiixee qofa. Fixiisi golee Oromiyaa hunda keessatt tolfamaniiru. Kanneen Walloo, Tuulama, Macca, Jimma, Geeraa,  Geeraa, Soor fi Gabbaa fi bakka biraatt tolfaman hin irraanfatamne. Qacceehaqi dambalii nafxanyaa jalqabaan eegalame bulchoota itt haananii dhufan hunda keessatt gonka dhaabbatee hin beeku. Fakkeenyaa fi ajjeechaan hogganootaa fi hordoftoota Oromo ajajoota Haayila Sillaasee, Immiruu fi Axinaaf Saggad jedhamaniin Guyii fi Beddelleett 1930oota keessa tolfaman waan irraanfataman miti. Dubartootaa fi ijoollee mana waliin Areeroott 1970oota gubaman fi ilmaan Geedi’oo isaan dura boombiin itt robe qabannoo ummataa keessaa hin badu. Hunduu ajaja saanii Battala tokkoo argatan. Sun hundi galmeeffamaniiru. Kanneen Hawaasii fi Wataris kurnan lama dura fi isaan asiis loqee, gambeelaa fi Teepiitt kan tahan akka qosaatt darbani.

Badhaasi mootii saanii gadadoo fi deega keessaa isaan baasee haroo qabeenyaa fi aangoo abjuunuu arganii hin beekne keessa isaan cuube. Karaa biraammoo mancaasaa lubbuu, birmadummaa fi qabeenya olloota saa ture. Qaabannoon durii saaniitt qabanii fi jaalalli mootii saanii akka ajjeestuu ijoolee fi dubartii fi cirtuu harkaa fi harmaatt ilaalamuu irraa isa hin oolchu. Namooti maaliif madaa bulett mimmixa firfirsuu yaalu laata?  Dhiibuun darbachuutt yoo geese, lolli Adwaa koloneeffatoo lamaan gidduutt ta’e qabattee malee darbuu hin qabu. Feccoo irra darbuun dhugaan baduu hin qabu. Koloneeffatoo lachuu loltuu kolonota saanii keessaa fedhanis dirqiinis sirna saaniif madaqfatan hiriirsaniiru. Lamaanuu meeshaa ammayyaa yeros  walitt qabachuu danda’an hidhataniiru.

Garri lachuu firomsatt jabaatt of ijaaraniiru. Raayyaan Itophiyaa saamicha hawaasotaa, keessaayyuu kan Walloo  fi Tigrayi irra jiraataa bahe.Lakkoofsaan raayyaan Itophiyaa yoo xinnaate harka shan k an diina saa caala ture. Ijaarsi, tooftaa fi ayyaanni, halluu gogaa irratt hin hundaawani. Qondaaloti gurraachi nakkaroota saanii adoota albaasuun hin haalamu. Yeroo abbaan faradaa Walloo hallayyaarra utaalee diina hin yaadin haleelu Habashootii Goorgisii dha jechuu aggamani. Tuffiin Oromoof qaban dandeettii fi jannummaa saanii baruufii hin dandeessifnee. Caalaatti kadhaaan mootichaa fi niitii saa injifannoo akka argamsiisantu himame. Danddeettii qondaalota waraanaa Afrikaa fi loltuu saanii gar tokkoo yoo faarsinu gara biraan kan injifataman keessa looltuun Afrikaanota tahan gara kaan caalaa toofta baasoo adii haa qabaatan malee akka jiran hin dagannu. Gurraaleen sun kan balaa dirree dillii irraa oolan, dharraa beekamaa mootichi arfan ciruuf qabu baasaniiruu.

Injifannoon adda waraanaatt argame barsiifata roga qacceehaqaa, asii fi bakka biraati mootichaan tolfaman golguu hin qabani. Akka sanyi oo’istooti gar lachuu nu amansiisuu yaalan utuu hin ta’in, carraa walqixxee argannaan dirree kamittuu caalmaa waanti jedhamu adii fi gurracha gidduu jiraachuu akka hin dandeenye Adwaan raga ta’a. Sun namicha hirmannaa Afrikaa qircachuu keessatt qooda fudhatee, bakka gahe hundatt lagi dhiiga imime farsuuf ooluu hin qabu ture.   Waa’ee mooticha kanaa akka dummunyii Afrkaatt faarsanii gabaasuu fi barreessuun hedduutu duroome. Waa’ee gidiraa kolonota garuu kan barreessan namoota dhugaa yartuu qofa.

Seenaan kan yaadatamu dogoggorri darbe akka keessa hin deebi’amneefi. Garuu namoota marataa jiran  kanaaf kufaatiin saanii maal irraa akka ka’e hafee kufuu saaniiyyuu fudhataa hin jiranii. Bara koloneeffatoo Awuropaa waliin biyya qabachuuf dorgoman hoggantooti saanii hanga Hara Viktooriyatt keenya akka jedhan ogeeyyota faranjii isaan gorsan qabu turan. Akkasitt kan Habashaan seenaa Itophiyaa durii waliin dhaahanii kan ofii fakkeessuutt kan ka’an. Sirna soba irratt hundaaweef madaqfamanii abbooliin biyyaa hundii kan alaa dhufani qabatan jechuu eegalan.  Kanaaf xaxatanii haa bahan jedhu. Sana malee hojjetaa godaantummaan tola nu tajajilu qabu akka jechuuti. Yaadaan gulufa akkamiiti? Keenya miti kan jedhaniin keessanuma jechuun gamnamoo daallee nama jechisiisa laata? Isaaniif seenaan ba’a bu’iisa ilmaan namaa keessa darban utuu hin ta’in kan akaakileen saanii nafxanyooti dhandhoonaniifi. Jarri kun godinaaf haa ta’uu addunyaaf hamoo dha. Kanaafi kan karaa mootichaa qofatu empayera badde deeffachuuf furmata ta’a jedhanii  qaabannoo saaf sagaduu kan eegalan. Qabsawoti Oromoo maramarrtoo kana keessa utuu hin seenin dorsisa caalaa fala barbaadanitt bobba’uu dha. Deebiin dabaaf kennan kan itt yaadamee fi hobbaati qabu akka duula “Biira Baddallee” irratt tolfamee milkiin bahame sanaa ta’uu qaba. Haasaan qaccen nafxanyaa waa’ee Aannolee fi Calaqoo irratt godhaa jirtu akka beekaa seenaa micciruuf tolfaman qofatt ilaalamu hin qabu, joonjee dhaabbataa ta’uu danda’a. Seenaa raajii ta’e mootii saaniif uumaa jiranii  fi faarsii duula saa qaccehaqaa ta’ee haala akkasii agarsiisa. Garuu gita bittuu Habashaa fi ajjeesuu, ibiddaan nama jiraa gubuu, qaama irraa ciruun fakmishoo tooftaa ittiin biyya bulchaniiti. Kanaaf jarri gadooddu kun yoo hiree argatte adda taati jedhanii yaaduu miti.  

Kanneen waabarii empayera Itophiyaa dhaqan hundi waa’e injifannoolee warana surra qabeessoo jedhaniinii hanga locutt barsiifamaa turani. Sanaan roorroo itt tolchan hunda sammuu Oromoo keessaa haqneerra jedhanii amanan.  Amma waa’ee mootii saanii yeros hin himamne uumuun akka waan Oromoon dhagahuu feedhuutti haaressanii  fudhachiisuu yaalaa jiru. Akkuma warri saanii itt himaa turan warri Oromoos ijoollee saanii akka duubbee saanii hin irraanfanne galgala galgala abidda biratt yaadachiisaa dhufani. Egeree ofii danaa itt gochuun qooda ijoolletiiti. Raatessaan nafxanyaa wan cabeef si’achi dorsisuunii kan danda’u hin jiraatu. Du’aa fi awwaalli mootii saanii sun yeroo saatt akka nammu hin barre akaakilee saanii fi hogganoota amantee saaniin dhoksamee ture. Akka nammi ariin hin kaane yeros kan dhoksame amma eenyuun tuttuquu yaalaniitu du’a ga’ii kan waamani?  Kana yaaduun saanii hanga yoonaa siidaa saa Birbirsa jiruu utuu hin finqilchin hafuu gaga’amtoota saa tuffi itt bulcheeni.  Hunduu mirga teessoo malbulchaa Gullallee siidaan irratt ijaarame deebfachuuf mirga seeraa akka qaban beeku. Bakkuma sanatt Galmi yaadannoo bareedaan tokko deebi’ee ijaaramuufiin akka ta’aa.

 Leellistooti gonfoo fi komunistooti Gola Hojjetoota Itophiyaa kan kaleessa ajeechaaf walbarbaadan hardha wal arraabaa jiru. Lachanuu kufaatii sirna nafxanyaaf gadooduu fi qabsaawota bilisummaatt roorrisuuf yoo walitt hudduu gatatan mullata. Gooliin qooda irratt fudhatan yk isaanuu gaaga’amtoota itt ta’an gara cinaatt dhiibamee ta’isi xixinnoon hammaa ol afuufamanii hololamaa jiru. Akka dargaggoon Itophiyaa hiriyoota saboota biraa waliin naannaa wayyaa uummachuuf qayyabannoo hin uummane dhukkuba saanii itt dabarfataa jiru.  Yeroo Oromiyoo, Tigraawwayi, Sidaamaa, Walayittaa kkf. ifatt biyya ofii keessatt afaan ofiitt dhimma bahan dhiiga saaniitu danfa. Yoo nagaa naannaa feesisa ta’e ofirroota akkasi sabootii keessa biqilan ofirraa fageesuu qabu. Oromoon nagaa jaallachuun, jannummaan, arjummaan, Safuu eeggachuun beekamu. Kolonomuun namoota dudhaan saanii walitt hin galletti bahan. Soda moggeeffamuu fi baayyina hacuuccaan ofirratt amantee dhabuun tokko tokko yoo of halan mullatu. Rifannaa akkasii keessaa bahuuf yeroo yartuu saa irraa fudhachuun hin hafu. Hacuuccaa namummaa bahe kana dura dhaabbachuuf warraaqxoti Oromo Oromummaa deebisanii dhaabuuf waliin ka’an.   

Ofbara Oromoon  kan baaragan “Itophiyaanistii” abdi kutatooti  of tolchan kun qabaan nu hin danda’u jedhaanii burquqaan sabboonota Oromoo duukaa bu’aa jiru. Ejjennoo angafoota saanii warraaqxotaa irra deebi’uun “Nut dura Oromoo dha”jechuu saaniif arraba adda addaa itt robsani. Battaluma sana gooltota jechuun akka addunyaan hiriiruuf yaalaniiru.  Namoota badoo miira sanni jibbaa kan biraatt haqacuu barbaadanii. Kan nammuu sammuutt qabachuu qabu ummati akka ummataatt badaa ta’e hin jiru. Murna digaluu taatee ummata keessaa biqilteetu badduu ta’uu dandeessi. Barreessaan kun golee biyya Habashaa hedduu argeera. Ummatooti inni arge hundii namoota gaarii nama keessumsiisuun miira ta’eefi. Kanneen badduun isaan keessaa baate akka isaan hunda caalanii fi kan hafan ilmoo namaa akka hin taane mataatt naqanillee keessummaa nagaan itt dhaqett hamaa hin yaadani. Qaccee nafxanyaa yartuuf jedhamee sabi keessaa bahan hammeeffamuu hin qabu. Ummati gadadoo fi deegaan simboo sobaan jiraataa bahe. Jarri amma bakka saa buunee dubbana jedhan kun takkaa itt deebi’anii waan saamichaan argatan hiraniifii hin beekani, kophaama sorratan.

Ummatootii barabaraan akka ollaatt waliin jiraachuuf deemu. Kan wallanamuu qaban yoo jiraatan huuba ummatoota keessaan biqilani. Waaqaa kan bu’e waan hin taaneef empayerri isaan ijaaran burkutaawaa jira. Ummatooti mirgoota fi boona saamaman deeffachuuf ka’a jiru. Ummatooti Afrikaa hundi birmadummaan waliin ni ka’uu. Kan irraanfatamuu hin qabnee Oromiyooti qaccee nafxanyaa ta’an hedduun bilisummaa, qajeeltuu fi walqixxummaaf qabsaawaa wareegaman jiraachuu dha.  Jarri sun nambiyyoota saanii Oromiyaan walqixxee akka ta’anii fi hireen saanii wal keessa kan jiru ta’uu fudhataniiru. Akaakileen saanii biyya fagoo dhufan ta’a, isaan garuu biyyoo sana malee kan biraa hin beekani. Bilisummaa saaf hojjechuu fi du’uufiin akkuma nama dhalootaan Oromoo ta’ee isaaniifis dirqii ta’uu fudhataniiru. Jiruun qabsaawota Oromiyaa irraa eegamu qaaqa kannen durii saanii fudal koloneessaa dhuma hin qabnen qabamuu.  Qabsoo bilisummaa xumuraan gahuu dha. Injifannoo lola qajeeltuu keessaan abdiin biliqqisuu cunqurfamaa hundaaf ni jiraata. Kanaaf jarmaa cimfatanii kaasaa qajeelaa fulduratti dhiibuu kan kanaan duraa caalaa shaffisiisuu dha. Sareen duttu matumaa nama hin ciniintu jedhama garuu maaltu beeka? Tuffachuun akka ta’us hundi saanii itt qabamuu utuu hin ta’in akki itt qabamu yayyabamuu fi waan halleefuu dammaqanii eeggachuu fesisa. Dargaggoon kaayyoo Oromummaa bakkan gahuuf fulduratt bahaa jiru. Oromoon waggaa hundaa isaan utuubuu fi duuba saanii eeguun dirqama. Dargagggoon kun karaa ofii barbaaddataa waan jiraniif deggersaa fi jajjabeessa barbaachisa. Dargaggummaan jarjartuu tolchuunii danda’a. Obsaan caqasuu fi bu’aa mamii kennuufiin akka.

 Tokko tokkoon dhugeeffannoo kabajamuu barbaachisa. Oromiyaan biyya amantootaati. Duulli amantee, dargaggoo ilaalchisee gandaa fi dhugeeffannoon irratt tolfamu dafee doomuu qaba. Oromoon dudhaan karisummaa hin qabu. Haddheessi sana irratt hundawe iyya dabarsa sobaa waan ta’eef hamaa irraa eeguun barbaachisaa dha.  Oromoon afaan, aadaa akka sirbaa, weeduu, oginaa, sportii faa waliin qaba. Akka hundi kunuunsaa fi ulfina kennuuftu eegama. Murni hamaa aadaa afarsu keettoo halagaa malee fira ta’uu hin danda’u. Dafanii wal gorfacuu fi wal hubachiisuun waan eegamu. Yeroo qortuu kana wal dhabdeen keessaa yoo araarsuun dadhabame gara duubaatt dhiibamuu qaba.  “Citaa mana keetii hin ajjerin kabi/hamaa nama keetii hin ajjeesin qabi” kan jedhamu si’anaaf akeeka ta’innaa?  Wanti ati barbaadduu kan kee kan tahe qofa ta’uu saa fi sana argachuuf kan gaafatamu hunda baasuuf kutataa ta’uu kee hunda mamii malee hubachiisuu dha.

Oromiyaan kan Oromiyoo hundaati. Moo’ummaan see hin uggamu. Kanneen seeraan mirga utuu qabanii Oromiyaa walaba keessa bilisummaa fi walqixummaan jiraachuu hin feene filmaata bira barbaaddachuuf birmadummaa qabu. Garuu lamuu angoo fagootiin Oromiyaa irratt qondaalamanii deebi’uun akka hin jirre beekuun barbaachisaa dha. Badhaasi mootii saanii kan raawwatu bakka mirgi koloneeffatamoo jalqabutt. Warraqxoti Oromiyaa gowwaa mit, mirgoota sana deeffachuun kan danda’amu qoccolloon utuu hin ta’in jabina qaamaa fi sammuu ofiitiini. Injifatooni bu’aa saanii kan gad dhiisan yoo dandeettii fi jaarmaan caaluun irra haanan qofa akka ta’e kan empayeritti keessa jiraatan hundi beeku. Jiruun qabsaawota Oromoo eeggatu daandeettii ofii ol kaasuu fi jaarmaa qilleensi hin gallee uummattanii, biyya saanii jaallatamtuu, Oromiyaa bilisomsomsuun, sirna mirgi ilmoo namaa ulfina itt qabaatu, olaantummaa seeraan keessa jiraatamuu fi Oromiyoo hundi birmadummaa fi carraa walqixxee qabaatanii waliin jiraatan diriirsuu dha.  

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Amajjii 2014

Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo.

Email: (if you would like a response) Invalid format.

Comments:

A value is required.