Dhibaawuun akka miti

                                                                                                    Sagalef astuqa

Erga uumamee empayerri Ethiopia nagaa qabate hin beeku. Cunqursaan yeroo yeroon hammaa bahuun sirnicha gaaga’aa jiraate. Garuu utuu dhoowee hin faca’in olhantummaan Habashaa akka hin tuqamnett kan afuura baafachisutu dhuufa. Tafarii kaasee hanga Mallasitt sanumatu ta’e. Hundi sanii bulcha keessatt ummata qooda fudhachiisna jedhanii seerota labsaa bahani.  Garuu walqixxummaan qooda fudhachiisuun hundeedhaa kan isaan sochoosu godhanii waan ilaalaniif hojiirra hin oolchine. Akka dhufaniin irbuun seenan, yeroof aangoo cimfachuuf malee cunqursaan ummatootaa bakkuma turett deebi’a.  Hamma dandahan sammuu ummatoota dhiquun eenyummaa saanii irraanfachisu tattaafatu. Sana bakkaan gahuuf hidhaa, guraarama, ajjeechaa fi butanii buutee dhabsiisuu fi biyya baasuun shakala saanii beekamoo dha.

Oromoon warraaqsa saaniin badiisa eenyummaa saanitt akeekame kana ofirraa qola’a jiru. Garuu ammayyuu raatessaa koloneeffataa jalaa kan hin baane, sirna koloniif ooganii lammii saanii irratt qawwee kan jiffatan jiru. Hanga walabummaa guutuun argamutt tuqaan sammuu Stockholm syndrome (faara roorrisaaf  amanamuu) jedhamu isaan hin dhiisuu. Sun tibba tibba dabballoota olhaanoo keessaas kulkulfachuun ni mullata. Qabsoo hanga yoonaa ta’een jija qabatamaa fi fakkeessaa hedduutu galmeeffamee ture. Garuu irra ququnxuramaa jira. Lafti Oromiyaa guutummaati meeshaa gurgurtaa koloneeffataa ta’eera. Bulcha Oromiyaa akka seera saaniitt galtuutt gad hin dhiifnee. Federeeshina finnaa walqixeetu ijaarame jedhu. Sana keessatt wayyabummaan Oromoo hin calaqifamne. Mootummaan gidduu bulchaaf haa ta’u quunnamtiif afaan Habashaan hojjeta. Sirni “simaabaloo” deebi’e jechuu dha. Hojiif carraa kan kan argatan kanneen afanichatt ogummaa guddaa qabani  jechuudha. Waliigalatt feedereshinich caasaa sobaati. Akeeki qabsoo bilisummaa Oromoo, walabummaa fi mirgoota samaman deeffatanii, biyya ofii irratt abbaa ta’uun bilisummaa, walqixxummaa fi gammachuun jiraachuu dha. Garuu sababa adda addaan qabsoon laaffataa, roorroon ummataas dachaan dabalaa jira.  

Ummatooti blisa hin baane akka halagaan fedutt jiratu. Biyyi bilisa hin taane kolonii dha. Kolonummaan akka raawwatu addunyaan erga irratt walii galee bubbuleera. Sana dhugoomsuuf  qabsaawuun mirgaa fi dirqama kan kolonoomaniiti. Ummatooti bilisummaa jaallatan, kolonummaa raawwachiisuuf gargaaruu irratt dirqama seeraa fi safuu qabu. Oromoon amantee sanaan, mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu akka hojiirra ooluuf karaa nagaa gaafatani turan. Sun didamnaan kurnan afur dura qabsoo malbulchaa fi hidhanoo eegalan.  Alaabaa koloneeffataa  balaliisuu, afaan saan hojjechuu, ajaja saatt buluu fi seenaa saa akka kan ofiitt ilaaluu diddaa agarsiisuu jalqaban. Oromoon, halagaan tuffatamaa fi nammummaa baafamaa jiraachu ajeeffatan. Bulcha hamaa, goolii fi hacuuccaa jaarraa darbee sii’achi hin fudhannu jedhani kakatan. Gaaffiin bilisummaaf dhihate kun akka shororkeessaatt fudhatame. Sanaan dhaabi kallacha sochii bilisummaa saanii gooltuutt tarreeffame. Sun seeraa ala ta’us anga’ooti addunyaa hin balaaleffanne. Sanaan akeeka itt amanna jedhani dhaadatan bu’a ummata saaniin yoo madaalamu sadarkaa lammafaatt akka gad bu’u raggaasisani. Kanaafii Oromoon lubbuu olfachuuf itt baqatan fudhatama dhabanii dubbiin saanii rarra’ee kan jiru. Kun seerri addunyaa hawwa malee, ammaaf kan biyyooti fedhanii  murteessantu ta’a jechuu dha.

Iyyi “Bilisumma naa kennaa yk du’a naa kennaa”  jedhu, sagalee warraaqsaa warraaqxota Amerikaa jaarraa hedduu duraa awwaala gamasii dhageenyu. Oromoon iyya bilisummaa sana kan dhagahu hundaaf qiliwwisaa jiru. Namooti du’a kan sodaatan jireenya tokkicha beekan dhabuu fi laalaa isa dura dhufu heduunii. Jireenya sana jiraachuun dadhabamuu irrayyuu, laalaa qaamaa fi ayyaamii yoo namatt fida ta’e, sodaan du’aa, uggaaf bakka gad dhiisa. Yeros onneen warraqsaa dhikkifachuutt ka’a. Waan hin olleef rommuun maaljecha dhaba. Namummaa bahanii salphataa jiraachuu irra jannummaan du’un hundaa ol ulfina qabachuutt fudhatamuu irra gaha.  Kan jaalala ulfinaa ummata saanii keessatt gad jabeessan kanneen sodaa hin qabne. Dhalooti itt haanu bilisoomee gammachuu fi ulfinaan akka jiraatu lubbuu ofii dabarsanii kan kennan jara akkasiiti. Gootota akkasiiti hawasii walaloo, weedduu, geerarsa fi mirrisaan kan kaasu.   Maqaa saanin kan ijoolleen dhaadata, faarsaa guddatu. Barreesotaa fi ognesitootaaf burqaa  dhahata hin gognee ta’u.

Hawaasi jannummaa ulfina kenna. Ballinaa fi gadi fageenyan ulfina sanaa kabaja kan kennisiisu  jannummaa sonaawe. Jannatu Kaayyoo bakkaan gaha.  Kaayyoon, jaarmaa, kutannoo fi dudhama gaafata. Qabsoon sinsinniin hin gaggeeffamu. Waanti qabsawaniif kan itt amanamee, itt yaadamee fi sirriitt of qoranii duuba murteeffatan ta’uu qaba. Dursanii kaasaan qabsooti bobbaasuu hanga injifannoon argamutt kan irra hin qollifanne ta’uu kan kakaa seenaniif kanaaf ta’uun beekamuu qaba. Kanaafii hawaasoti kanneen hamaatt erga isaan diranii duuba kan jalaa miliqan tuffatuuf. Dhaabi murna lammiin diinatt ilaalu leellisu, qabsoo sabaa walaba hogganuuf sera hin qabu. Koloneeffatoon dhaabota dhuunfaa ofii mootummaa Itiyoophiyaa fi mormitoota amanamoo saa qabuu.  Abba tokkee Oromo fi dhaabota sobaa kan hawwatan Oromiyaa irratt akka seer qabeessa isaan godhan qofaafi. Sana saaxiluu fa’iif Oromiyaaf dhaaba kallacha, hin faalamne kan barbaachisuu.

Qaamaan wayyaba haa ta’u malee Oromoon malbulchaan empayerittii keessatt yaroo dha. Oromoon dandeettii riphaa akka qaban waan beekuuf diinni hidhaa itt laaffisuu sodaata. Kanaaf akeeka diinaa inni guddichi humana Oromoo facaasuu dha. Dhaabi Oromoo tokkollee akka walabummaan socha’u itt hin dhiisuu. Jaarmaan diinagdee, hawaasomaa yk malbulchaa inni hin too’anne kophaa nagaan sossouu hin danda’u. Kan irraa fagoo jiranillee diiguufis qabeenya hedduu itt baasu.  Kanaafii Oromoon dhiibbaa halagaa bakka jiru hundatt fashalsiisuuf jaarmaa cimfachuu kan qabu. Yero amma jaarmaan Oromo ofirraa hafee dhaabota biraaf birmachuufi dandeettii qabu hin jiru.  Kana wallaaluun “taa’aa irra hin qabdu mataatt haguuggati” isa jedhan fida. Utuu kaayyoo ofii irratt rakoo hin uumin, kan fedha walii ulfeessan wajjin tokkummaa uumuun akeeka imaammata hariiroo alaa muummicha sagantaa ABO isa jalqabaati. Garuu dura bilisummaa ofiif qabsaawuu eegaluun mirgaa fi dirqama abbaati. Tumsii kan hanqatett walii guutuu fi walqayabachuuf dhufa. Koloneeffataan gaga’amaa qaccee seenaa sanyii saati. Sanaaf fedhi bulchoota  fedhaa fi mirgoota nambiyyaa kan dursu. Qaccee malbulchaa geeddaramee hin beekne kana, ni geedarsiifana yoo jedhame rakkina ofii kan dura furamuu qabu baqachuu ta’a.

Oromoon mirga haa ta’anii bitaa, dachaatuu haa ta’anii tokkummeesso utuu duubbee cimaa hin uummatin timjii cehuun bu’aa hin qabuufii. Kan ummata ofii irratt hirkachuuf amantee dhabe qofatu sana godha. Dhaaba haa ta’u mootummaa waliinn dhoofsisuuf dubbee cimaatu ulfina kennisiisa.  Duubbee cimaa kan hin qabaane walqixxummaaf utuu hin ta’in harka kennachuuf dhoofsisa. Qajeela kan ta’u waldhabdee bara hedduu fudhate kana furuuf, kan yaadi jalqaba dhihaachuun irra jiru rorrisaan malee kan itt roorrifameen miti.  Hanga yoonaa kan beekame waan Oromoon kiyya jedhu hundi mootummaa, dhaabotaa fi abba tokkoota Itiyoophiyaan haalamuu dha. Kaan kaan Oromoo caalaa Oromiyaa irratt abbumaa akka qabanii fi sabi Oromoo jedhamus akka hin jirre hololu. Madaqsi malbulchaa saanii kan ilaalcha olhantummaa Habashaa wiirtuu godhate. Moototi saanii hanga yoonaa wal jijjiran, sanaan surrii ummata saanii dhiqaa dhufan.  Sun hardhallee ilaalcha saanii isa sooressa. Ilaalchi sun kaayyoo  bu’uuraa Oromoo “Gadaan qixxee, Odaan teessumaa qixxee, gabaan qixxee, malkaan qixxee, karaan qixxee” jedhuun yk sirna democrsii fi seeran bulmaataan  wal fincila.

Hoduu, iyyaafannoo, agarsiisa, yk gabaasa mirkanbeekii kkf giddeesota akka TV, radio, gaazexaa fa’iin  faca’an hundi akeeka qabu. Sunis soba dhugaa fakkeessanii dhiheessuun surrii dhaggeeffataa dhiquu dha. Of mamuun, lallabi saanii sobaa kun dhugaa ta’innaa jedhee kan of canqu jira. Sun goolii itt naqee yaacessaa jiraata.  Qilleensi shuffisu hundi keettoo saanii ta’ina jedhe sodaata. Waan isaan godhan hunda deggertooti saanii alaa, karaa sirrii gara demokrasiitt geessu jedhanii afarsuu. Ogummaa fi meesha goolii kan itt gurguratan isaani. Wayyaba biyyasii kan nyaatu, dhugu, uffatu fi keessa da’atu dhabee jireenyi utuu itt hadhaawaa jiru, guddinni diinagdee galmaawe jedhanii labsu. Sun, kanneen mirga ilmoo namaatt rorrisan deggeruu saaniif komee ummata ofii jalaa mala itt bahani. Shirri koloneeffataa akkasii kun dhaabota fedha Oromiyaaf ijaajjaniin mormamaa ture. Garuu isaanis sababa addaddaan madaala ofii eeguun itt cimee gatantara jiru.  Ejjennoo saanii itichanii shaffisaan qola saanii keessaa caffatanii akka bahan abdii jaalbiyyoota hundaati. Hammasitt giddesitoota haa ta’ani keettoo diinaan kan himamu hundi hololaa. Ummata raatessanii angoo irra turuuf yaalii godhan ta’uu baruudha.

Karaa bira, dargaggoon Oromoo, hooda ayyaanummaa empaayeraa keessaa caffatanii bahuun, ilaalcha Oromummaan ijaaramuu jalqabuun kan nama jajjabeessu. Yoo callisanis diinni isaan bira hin deebi’u. Kana angafoota saanii caalaa kan qayyabatan fakkaata.  Amma yero want waggoota afurtamaaf ijaaraman jijiguutt ka’an kana, guddaa yaaduun dirqii ta’a. Sammuun gandummaa fi qomummaa qaanessaan, gidduun bibbiqiluutt ka’e, leelloo Oromiyaa takkitiif dafee qaxa’amuu qaba. Ofbara malbulchaa saanii olkaasuu fi sirna iyyaatii ammayyaa of hidhachiisuun dargaggoo irra eegama. Gowwoomsaan akka 1991 deebi’ee dhufuun ni mala. Waan halleef qophaawuun dansa. Waan naannaa keenyatt ta’uu dandahu hunda caqasuun kan bira hin darbamne. Naannaa sana irratt taatota hedduutu hojjetaa jira. Yeroof ajjeesuu fi fayyisuu ni danda’u ta’a. Garuu, wanti uumaa keessa jiru hundi, to’atamuu fi gara barbaadanitt oofuun ni danda’ama  jechuu miti. Gochi tokko kan yaadan hafee kan hin yaadamin fiduu danda’a. Kan dammaqee qophaawee eeggatetu dhimma itt baha.  Kanaaf barumsa ijoollee gad jabeessuu dha. Kan baratetu,  hariiroo ofi fi nannaa, ilaalu danda’a.

Wayyaaneeen seenaan empayerichaa kan Habashaaan adda a ta’uu saa fi bara dhibba qofaa akka lakkaawatu himee ture. Alaabaan Itiyoophiyas, cunqurfamootaaf dasee (carqii) biraa irra adda akka hin taane lallabeera. Sun hamma of jala galchutt kolonoota sossobachuufi ture. Hardha garuu waa’ee bar kumootaa dubbachuutt ka’eera; alaabicha mukaa baalatt uwwisuu qofa utuu hin ta’in maratee rafuuf homtuu isa hin hafu.  Garuu warraqsa Oromoon kan hundee socho’ee deebisanii dhinsuun hin danda’amu. Utuu inni hin se’in empayerittiit takallaan gabaabbate. Moslimoti, Al Habashiin qabate mootummaan amantee saanii keessa galuu mormaa jiru. Al Habashiin eenyu akka yabboot ol fide hin beekamu. Garuu xaxaa hin hiikamne uumaa jira. Moslimoti Oromoott caalu; garuu muslimoti empayera keessa  jiran hundi walii tumsanii afaan tokkoon iyya dabarsaa jiru. Kirstaani Tawahidoo keessaas hedduutu tumsaafii jira. Garri caalaa jara kanaa Habashaa dhaa. Jarri dubbii kana tuqate, kun hundi ni ta’a jedhanii kan yaadan hin fakkaatu. Wayyaaneen booqaan goltu anja na argamsiisa jedhu  qofa kan ilaale fakkaata.

Haala kan keessatt gara Wayyaanee kan goran irratt qormaati duubbee gaggeeffamu qaba. Kan mirga biraaf hin dhaabbanne kan lammii ofiifs hin dhaabbatu. Mirgi yaroo sanyii, saalaan, amantee fi waan kamiifuu haalamuun roorrisaa deggerutt geessuu danda’a. Yero amma kan sochii kana irratt aangoo addaa qabu jirachuun hin mullatu. Kan akkasii heddun hawaasaa keessa deemu danda’a. Mirgi yaroo sanyii, saalaan amantee fi waan kamiifuu haalamuun roorrisaa deggerutt geessuu danda’a. Hobbaatiin sana keessaa argamu ilmoo namaaf milkii fida ta’a. Dargaggoon dammaqanii caqsuu fi  xiinxalanii roga dubbii baruutu irra eegama. Oromiyaa walabaaf qabsaawuun utuu waan naannaa ofii keessa walmaru hin hubatin durunfatanii deemuu jechuu miti. Hawaasi akka algee (liillana) walxaxeeti. Yoo tokko harksanii baasuu yaalan kan hin fedhamnetu waliin harkifama. Akka itt hulluuqsifatan maluun gamnummaa gaafata. Gutummatt taatoti uumaa gara fedhanitt qawwisuu dandanda’u jechuun seera tartiiba uumaa keessa hin jiru.  Caalaan yaalaa fi balleessaa keessa argama.

Oromoon eeenyummaa saanii beeksisuuf fagoo deemani hardha gahani. Sanaaf daandii walmaraa fi haala rakkisoo ta’an jala darban. Dhaaboti gaggeessan guddaa madaawuu irraa kan ka’e dandamachuun yeroo fudhata jira. Balaa uumaa fi nammi kaaseen dararammi ummataa irra gahu guyyuu guddataa dhufe. Salphifammii fi tuffiin diinaa akkuma turett it fufeera. Walakkaa jaarraa duubas Oromoon waa’ee biyya abbaa deebisanii ijaaruu mari’achuu utuu hin ta’in waa’ee hacuuccaa fi gabbarsiisa halagaa gadoodaa jiru. Sana gabaabsuufis qabsaawoti yoo sardaman hin mullatu. Kaan saanii carraan nuu bu’ina jedhani mamaa qaxxisu. Kana malee hadoodaa fi laasha’aa qofatu hamaa guddaan akkasii yeroo saba ofiirra gahu suka’uu dadhaba. Sabicha dhabsiisuuf haalli mancaasaan yawu bubbisaa jiru akkasii, nammi nagaa qabu tokko utuu hin birmatin kana caalaa hin turuu. Ummata badii irra oolchuu caalaa haalli sardaan kamuu durfannoo argachuu hin qabu.

Hariiroon sabgidduu kantaraa miti. Kanaaf kan qabsoo malbulchaatt bobba’an haala kamiifuu qophee ta’uutu irra jira. Nammi tokko hariiroo kaaleesaa irratt hundaawee waa hamilata ta’a. Garuu akka tasaa kan kaleessa hamajaajii, hardha fira walii ta’uu danda’u. Hariiroon sabgidduu fedha sabaa battalan wan masagamuuf, bulula bor gara itt yaa’u himuun rakkisu. Kanaafi kan qabsoott bobba’an hala dhufuu malu jedhan hundaaf karoora filmaata ta’an lafa kaawwachuu qabu. Sun yeroo hunda imaammata “B” qopheeffachuu  gaafata. Dhaabi, fulaa keessa hulluuqu yero barbaachisuuf hin qopheeffane bordoddee ofii uume keessatt hordamee hafa.    

Guddinni teknolojii si’ana wan halle ariifataa godhaa jira. Sana beekuun utuu hin yaadin akka tasa nama irra hin baanee gargaara. Misa haaraa dhaqabachuuf waanti saganteeffatan daangaa yeroo qabachuutu irra jira. Obsi garee sadaffaa hafee kan mararfattoolle dhuma qaba. Yeroo si’anaa iyyaatiin mootummaa fi dhaabota adda addaa hang tokko salphaatt argama. Kan dhaabi ofii deggertota irra dhokataa yoo ta’e hammam akka nama gaddisiisu beekuun cimaa miti.  Namooti gareen saan dorgommee addunyaa keessati maal akka fakaatu baruu hedduu dharra’uu. Dhibaawummaa dhuma hin qabne kan leellisu hin jiru. Rakkinnii fi wanti hojjetamaa jiru kan dhimmi ilaaltuuf keessaan laalii ta’uu qaba. Sabboonoti yoo iyya’ameef qofa birmachuu danda’u. Miseensoti qeeqi dhaaba sanii irratt gaggeesssan kan diinaan adda yoo hin taane diigaa ta’a. Kan caalaa homishaawaa tahu haala hamaa si’ana jiru jalatt itt fufiinsa walabummaa fi nageenya dhaabaf dhimmama agarsiisuu dha.  Yaada ofii fudhachiisuu irratt qofa  xiyyeeffachuu miti. Beekaa, nammi hundi yaada qabaa.

Waa’ee rakkina ummata irra gahaa jiruu hedduu jenne. Dirqama amma harkaa qabnuuf waan darbeef gadooduun dhimma hin baasu ta’a. Wanti dhiiga namaa booressu ta’aa akka jiru, giddeessota dhaabaa alaan hodeeffamaa jira. Ummati Oromo dura Dhihaatt, amma Bahaatt rukutamuutu himama. Akka humna bilisummatt kan birmateef hin jiru. Waa’ee olmaa WBO-Qeerroo asiif achii hedduutu jedhame. Sun mishaa fi mirqaansaa dha. Garuu hanga gabaasi ragaa arge dhihaatutt turuu qaba ture. Kana malee ta’isi guddaan bakka jirutt argamuu dhabuun nama qaanessa. Kan Dhihatt ta’e akka akeekkachiisaatt hin fudhatamne. Silaa kan itt haanuuf qopheessa. Maqaafillee Mayyuu Muluqqee fi bakka, dararama, buqqa’a,  beelaa fi daaraan Oromoon hubama jiranitt  argamuun ni tola ture. Sanaaf hanga ijaaramanii hamilee sabichaa ol kaasuu danda’anitt  callisuu dha. Duchiisa gandaa irra hanga cehanitt oolmaa guddaaf of ijaaruuf tattaafachuu dha. Afaan caalaa hojiin dubbachuu wayyaa.  Afaan guutanii jabduu ofii dubbachuun kan jaarmaa cimaa fi didhaa qaban irra miidhaga.

Akka sabaatt Oromoon jeequmsa guddaa keessa jira. Kan itt duulan sabicha hundeen buqqisaa jiru. Qabsaawoti Oromoo kompaasiin saanii jala bade dambaliin oofamaa kan jiran fakkaata. Kanneen ifa abdachiiftu agarsiisan jedhamanis wanti itt jiran hin beekamu. Yeroon dhaabbatee nama hin eegu. Yaada qabaniin dafanii gadi hin bahan taanaan rincicee bushaawuu danda’a. Deggeranis abdii kutachuun irra qollifachuun ni mala.  Galaalchuuf furan akka, rakkina qabsoo aangoo, dandeettii dhabina, daddaaqina, yk qabsoof dudhama dhabuutt kennamuufii danda’a. Qabsaawoti yoo ammallee annisaa marsaa keessa isaan tursu qabaatan shaffisaan agarsiisuu dha.  Kanneen walabummaa Oromiyaaf dhaabbatan garagarummaa akeeka jara biraa waliin qaban hedduu jedhaniiru. Garuu hojiin muldhifamutu eegama. Kan bara darbe jabina kaayyoo ABOn gaggeessuu nuu lallaban hedduun barana lafummaa fi yeron itt darbuu nutt himaa jiru. Garuu ABOn isuma bara darbeeti.  Caalattu of suphaa jira. Ergamsi biraa yoo hin jirre, bakka abiddi hin jirrett ofumaa buufaa ooluu ta’a. ABO haa ta’u kan qeeqan qabsichaaf amma hobbaati hin agarsiisan taanaan, “Yaa sogiddaa yoo ofii jette minyaawii…” jedhama. 

Haalli Oromoon keessa jiru kan raffisee nama bulchu miti. Warraaqsaa fi warraaqxummaa  gaafta. Qilleensi naannaa hundi sabicha haala walxaxaa keessa buusee jira. Sana furuutt bobba’uun  waan yeroo kennu miti. . Hooggansi warraaqaa ititaan tokko sana furuuf dhiheenyatt yabboott yoo ol hin baane qabsoon bifa addaa fudhachuun ni mala. Kanaa ol harkifachuun sabicha irratt badii caalaa fi caccabbina jaarmota diinagdee, hawasomaa fi malbulchaa saa caalaa irraan gahuu danda’aa. Maal naan jedhuun fi “Haa bultu dubbiin” haala akkasiif debii kennu hin danda’ani. Haalli ummati keessa jiru hamaa dha.  Talisummaaf malee badin silaa dhaabuun danda’amu seexaa ofii hanqooquu qaba. Hooggansa warraaqaa bilisummaa Oromiyaaf dudhama qabu qofatu mudaa darban sirreessa. Biyya halagaattillee haala dhaaboti maqaa Oromoon jiran qorachuun imaammati Wayyaaneen keettota saaf facaase hagam diigaa akka jiru hubachuun ni danda’ama.

Xumuruuf, gadadoon ummata Oromiyaa fixasanyii irraa ol darbaa jira. Silaa yeroo hamtuu kana kanneen biratt argamuun irra jiru fagoo, manyaa gama afatanii ciisu. Kaleessa waluman cunqurfammi Oromoo fi Habashaa akaakuunis heddumminaanis wal hin gitu jedhaa baane. Hardha  keessa deebi’anii akkuma jara “qabsoo gitaa” afarsuu gadadoon Oromoo addummaa hin qabu kan jedhan jiru.  Kanaaf furmata waliigala barbaadna jedhanii nurraa goraniiru. Qabsoon Oromo akkuma jaatamootaan duraa qindeeffama dhabaa jira. Qabsoon hin qindeeffamne gandatt galuun tokkummaa qabsaawotaa doorsisuu danda’a. Waamicha saaf hatattamaan kan owwaatu dhabuun iyyi sabicha qilleensa raasaa jira. Dhibaawuun gadadoo ummataa dheeressee naannaa saas badii caalaaf saaxila. Dhaaba Oromooti kan ofiin jedhu yero akka amma, Anniyyatt Oromoon garalaafina malee gad ciramaa jiru qarqara dhaabbatee ilaalu hin qabu. Jaarmaan rakkina mata mataan irra haanuu hin dandeenye wal gargaaranii furuuf uumama. Jarmaan rakoo furuuf ijaaramee tokko, ofii rakoo caalaa qaba taanaan, isa uumameef hin jiru jechuu dha. Sanaafi of kennii fi kutattummaan hoogganoota irraa kan gaafatamu.  Hooggansa of kenne kutataa qofa kan dhaabicha dhaddhaqii of buuse keessaa harkifatee akka bahu gochuu danda’u. Guddaa hagamii ta’ullee rakkoon kutannoo ofii irraa nama hankaaksu hin jiru. Durdurii keessatt Diggaa Saaqoo namichi jedhamu, waa itt qaltu malee Horri kee kan korma itt qaluu danda’uuf kennama jedhamnaan, korma itt qalu dhabuullee, utu nakkariin korma harkifatee achi hin gahin darbee of itt gorra’e. Akkasitt dhiiga barbaachisu buusee Hora sana dhaloota duubaaf oolche ofii darbe jedhama. Haala si’anaaf sun fakkeenya ta’uu qaba. Hoogganooti  doorsisa kara warraaqsaa irra isaan jallisuuf yalamu hundaan “matumaa” jechuuf garaa hiruu hin qabani.  Addunyaan si’anaa shaffisaa qofaaf bakka qabdi. Dhuma irratt, Oromiyaan kolonummaa fi sadoo isa waliin jiru irra ni haanti. Dhibaawuun barsiifata nuuf hin ta’u. Hanga walabummaatt qabsoon itt fufa.  Jannoota keenya waliin gara injifannooti!

Ibsaa Guutama
Adolessa 2013

Email: (if you would like a response) Invalid format.

Comments:

A value is required.