Ati dura Oromoo moo itophiyaa dhaa? Gaaffii juujuu akkamiiti?

Oromiyaan waggoota dhibbaa oliif qabaa Itophiyaa humnaan itt fe’ame jala jirti. Kanaaf sabaawoti Oromoo waan hariiroo sabgidduu ilaalutt kelladarbii (passport) nambiyyummaa see qabatanii deemu. Oromoma  keessaa  illee mammiin  Oromoon saba of danda’e ta’uu kan keessaa hin baane jiru. Jireenyi saanii daddaaqinaa fi dudhama dhabuutu keessa guute. Alii republika Oromiyaa walaba dhaabuuf kan kutatan waliin joga’u. Alii walqixxummaan nambiyyummaan Itophiyaa nu hayyamamnaan nu gaha jedhu. Eessa akka isaan ijaajjan baruun hammuma eessa akka isaan hin ijaajjinee baruu dhibaa dha. Sun tuffii nyaaphaf karaa bane. Hobbaati kolonummaa bara dheeraa fi hanqina birmadumma sammuutu haala akkasii uuma.  Nyaaphi jara akkasii ilaaluun gargar baasee rukutuuf anjaa kan argate itt fakkaata. Mamtuun ati dura Oromoo moo Itophiyaa dha yoo jedhaman isa lammaffaatu afanitt dhufaa. Jarri akkasii jara Amerkanoti “Uncle Tom”, yk Oromoon “Galtuu” jedhaniini. Jara akkasitt kan baratantu Oromo argan hunda gaaffii tuffii “ati dura mali?” jedhu kan gaafatan. Oromo an dura Oromoo dha  jedhanii fi an dura Itophiyaa dha jedhaniitt hiranii waldura dhaabbachiisuu tattaafatu. Gidduu darbe mooraa Habashaa fi Oromo keessatt waca kan kaase gaaffi ati dura Itophiyaa moo Oromoo dha jedhuuf deebii kenname ture. Oromtichi “An dura Oromoo dha” jechuu saatiif mooraa Habashaatii haddheessaa fi arrabsoon itt robe agarreerra. Sana irratt sabboonaan Oromoo biraa yaada ofii ifsatee ture. Biyyi inni keessa jiru mirgi of ifsuu heeraan kan eegame. Habashooti ala jiran “mirga ilmoo namaatu Wayyaaneen tuqame, abalu faatu maaf of ifsitan jedhamanii hidhaman” jechuun Mootummaa Itophiyaa amma angoo irra jiru balaaleffataa, hiriira itt bahaa oolu.

Yero isaanitt dhufu garuu biyya olhantummaaan seeraa jiru hamaa jalaa itt baqatan kana keessatt Oromoon maaf xiixa jechuun burququ. Si’ana burquqquun hin dhiifnee Oromticha yaada ifsate jenne butanii gorra’uuf yoo aggaman nammi itt baanaan dhiisanii baqachuu dhageenye. Oromoon alaaba ofii balalisuu erga jalqabanii fi qasaawoti ifatt nuti Itophiyaa miti jedhanii erga labsanii kurnan lama darbaniiru.  Gurguddoon Habashaa haala wareegama Ilmaan Oromoo kumaa fi kitilaan uumame kana utuma arganii haaluu yaalu. Gubbaatt Oromoon eenyummaa ofii maman akka jiran himuu yaallee jira. Jara fuula itt agarsiisan akkasii irraa ka’anii Oromoo hundi kaayyoo walabummaa akka hin utubnett fudhatani. “An dura Oromoo dha” jechuunuu akka waan raajiitt itt dhagahame. Sanan akaakuun tuffii nyaaphaa bara abbaa lafaa kulkulfataa jirachuu hubanna. Ija laafuu fi harka kennachuun bakkatt hin deebisu. Gaaffiin  “Ati dura Oromoo dhaa?” jedhu ofirrummaa fi wa’ee Oromo  irratt beekumsa dhabina iyyaafatichi qabu beekama agarsiisa.

Oromoon of baran buuba nyaapha kana akka afuuffee uratee afuura baafachaa jiruutt fudhatu. Nama dhiibbaa haala naannaa jala dhaabbachuu hin dandeenye, damaqina malbulchaa hin qabneetu akkas ta’a. Nammi lammiin Oromoo ta’e dura Oromoo dha, boodas Oromoo dha. Eenyummaa sabummaa, sabummaa saa waliin dorgomu hin qabu. Kanaaf dhaadannoon saa “An dura Oromoo dhaa” utuu hin ta’in silaa “An yoomuu Oromoo dha” kan jedhu ta’a jechuu dha. Habashaan waggaa dhibbaa oliif dhiddhiitanii, rirritanii eenyuma saanii haquuf hedduu dhama’ani. Seera, aadaa, dudhaa fi afaan saa akka dhimma itt hin baane waanjallaa godhani. Sun hunduu ta’ee galati qotee bulaa saanii hin badinii irraa oolfatanii yoonaan ga’ani. Amma erga ijoollee ofii barsifatanii booda sun caalaatt misa malee duubatt deebi’a jedhanii yaaduun ofirrummaa ija baase.  Hololli maqaa balleessaa fi busheessaa gurguddoo Habashaa angoo irra konkolaataniin oofamaa jiru itt fufa imaammata abboolii saanii kan Oromoo hoggansa dhabsiisuuf godhamaa tureen adda miti. Yoo akka abboolii itt tole isaanis ajjeechaa eegaluu danda’u, akkuma dhiheenya yaalanii.

Yeroon imaammati darban hundi geengoo seenaa dhaabuu akka hin dandeenye mirkaneesseera.. Haa ta’u malee wal amantee fi walqixxummaan hidhata fedha bilisa irratt hundaawe ollaan ummachuu hin danda’u hin jedhamu. Bakka sana hin ummatinitt gaffii “Ati jalqaba maanni?” jedhu kan wal hin beeknetu walgaafata. Garuu roorrisaa fi kan itt roorrifame yoo akka wal hin beeknee ta’an nama dhibuu hin dhiisu. Oromtichi itt roorrifama bahe akka itti of ilaalu himachuun maal nama oriisisa? Dammaquu saa arganii “Ati nuwi malee of hin taatuu deebi’ii rafi” jechuu kajeelanii. “Kan lafatt jibban ka’ee sitt sirbuu jedha” isa intalli jette sana ta’a.  Dhaadannoo “an dura Oromoo dha” jedhu si’ana golee baaqulaa Oromoon itt argamu hunda keessaa wal jalaa qabamaa jira. Jechi kun filmata biraaf banaa kan dhiisu fakkaata. Kanaaf kutannoo dhabinni kan keessa jiru akka hin fakkanne rimsama an yoomuu Oromoo dha jedhu calaqisuun yoo dandahame dansa. Oromoo fi ummatoota kibbaa irratt fanfanni yoo jiraate iyyuu akka seera addunyaa fi empayerichaatt nambiyyumaa (citizenship) koloneeffataa saaniitt lakaawamu. Itophiyyummaan kan humnaan itt fe’ame malee fedha bilisaan kan filatan miti. Qabsaawotis sana akka filmaata lammaffaati hin fudhatani. Kan walabummaa Oromiyaa akka abjuutt ilaalan sun bifa jijjiirratee akka itt fufu fedhu.

Oromtich dardara ta’ullee naamusa qabeessa. Wan gaafatame damboobaan deebise malee nokkorroo hin seenne. “An dura Oromoo dha” jedhe malee kan jedhamuu qabu “An Itophiyaa miti” hin jenneenii.  Utuu sana jedheenii maaltu ta’a  ture laata? Homtuu hin ta’u, tarii isa ifatt Oromoof walabummaa malee filmaati biraa akka hin baafne ejjennoo fudhachiisuun yoo dudhama galchu, gara saaniitiin kan amma akka saree gadoodan akka harree halaaksisaan ta’a. Naamusi dardaricha ilaalcha saanii “atsummaa” saxile. Oromoon qoccolloo ganda keessaa bira darbee bara baaquleessaa kana saboota addunyaa waliin karaa itt dorgomu karoorfataa jira. Yeroof malee bittaa empayera ofirraa fonqolchuun fagoo hin ta’u.  Of hin beeknee fi bor hin hedneetuu eenyummaa Oromoo gaafata. Oromoon ummata ollaa saa hunda obbolummaan ilaala. Kan ilaalcha saanii akkasii akka dadhabinaatt fudhatan itt bahi saa maal akka tahuu danda’u dursanii heduu qabu. Naannaa keenyatt nagaa fi tasgabii yoo buufne qofa akka Afrikaa kabajchiifnu beekamuun dansa.

 Ummatooti naannaa nagaa barbaaduu. Duulli samichaa fi bololli aangoo gurguddoon Habashaa kara karaan itt jiran bu’aa hundee qabu waan argamsiisuufi miti. Ollaa waliin qayyabannoo naga qabeessa yoo tolfatan jireenya guddinnaa fi gammachuun keessa guute ummatoota saanii argamsiisuu danda’u. Kanaaf hundi saanii ofiif ulfina yoo fedhan mirga ummatoota hundaa beekuu qabu. Bakka duriitt deebi’uuf yaada qaban dhaaban kolonoota durii akka miltoo wal qixxeett fudhachuu qabu. Ummatooti sun isaan jaallatanis jibbanis ifaajee ofiin mirgaa fi ulfina saanii kabajchiifachuun hin oolu. Haa ta’u malee nagaan gargar ba’uun hundaaf anjaa qaba. Kiniinii hadhooftu kan Oromummaa saaniin boonan duras boodas Oromoo akka ta’an liqimsuuf qophii ta’uun barbaachisaa dha.  Akka sabaa fi lammii addaanjiroott  Oromummaa saanii kan mulquu;  yooka nambiyyummaan Itophiyaa fedha saanii bilisa malee itt fufaa akka deemu  gochuu kan danda’u hin jiru. Oromoon yoomiyyuu Oromoo malee kan biraa hin taa’anii!! Qabsoon Oromoo kallattii halleen hanga injifannoott itt fufa!!!

Ibsaa Guutama
Hagayya 2013
 

Email: (if you would like a response) Invalid format.

Comments:

A value is required.